• Sun. Mar 15th, 2026

Iraan marii niwukilaraa dura qoqqobbii Ameerikaa haaraa irratti mormii dhageessifte

May 2, 2025

ONM-ABO Caamsaa 2, 2025 

Iraan Kamisa kaleessaa marii niwukilaraa marsaa biraa diinota yeroo dheeraa gidduutti taasifamu dura qoqqobbii haaraa Rippabiliika Islaamaa irra kaa’uuf murtee Ameerikaan fudhatte “shororkeessummaa dinagdee” jechuun balaaleffatteetti.

Ameerikaan Roobii darbe dhaabbilee shan Iraaniin alatti argaman irratti qoqqobbii kaa’aa akka jirtu ibsiteetti.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo akka jedhanitti: “Hanga Iraan hojii tasgabbii dhabsiisuuf maallaqaan deggaruuf galii boba’aa fi petrokeemikaalaa maddisiisuuf yaaltutti, akkasumas hojii shororkeessummaa fi bakka bu’oota ishee deeggartutti, Ameerikaan Iraanii fi michoota ishee hunda qoqqobbii irratti ni fudhatti jette.”

Tarkaanfiin kun kan dhufe marii Iraan fi US Dilbata dhufu Roomitti marsaa 4ffaaf taasifamu dura  yoo ta’u, Tehran sagantaa niwukilaraa ishee dhaabuuf qoqqobbii irraa bilisa ta’uu barbaadaa jirti.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esmaayil Bagaayee ibsa kennaniin, qoqqobbii kun qaama tattaaffii Ameerikaan “hariiroo michuu fi seeraa biyyoota guddachaa jiran gidduu jiru jeequuf shororkeessummaa dinagdee” geggeessituuti jechuu isaanii Al Arabiyaan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading