• Tue. Nov 24th, 2026

Kolleejjii Ameerikaa keessatti namni qawwee dhukaase tokko namoota lama madeesse

May 3, 2025

ONM-ABO Caamsaa 3, 2025 

Namni qawwee qabu tokko Jimaata kaleessaa mooraa kolleejjii dhuunfaa naannoo Loos Anjeles jedhamu keessatti dubartoota lama madeesse jedhan qondaaltonni.

“Namni tokko haala yaaddessaa keessa jira, tokko ammoo yeroo ammaa kana haala tasgabbaa’aa keessa jira,” jechuun kantiibaan magaalaa Inglewood Jeems Buts gaazexeessitootatti himaniiru.

Dhukaasni kun kan raawwatame gara xumura waaree boodatti Kolleejjii Ispaartaan, dhaabbata dhuunfaa Inglewood keessatti argamu kan Eroonayutics irratti xiyyeeffachuun hojjetu keessatti ta’uun barameera.

Shakkamaan kun hojjetaa kolleejjii duraanii ta’uu mala jedha kantiibaan. Buufatni televijiinii biyya keessaa KTLA akka gabaasetti shakkamaan kun uffata eegduu fakkaatu uffatee poolisiin to’annoo jala ooleera.

Mooraa kun qaamolee seera kabachiisaniin nageenyi isaa kan mirkanaa’e yoo ta’u, kantiibaan magaalattii miidhamtoonni biroo akka hin jirre mirkaneessaniiru jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply