ONM-ABO Caamsaa 3, 2025
Sadarkaa olii hanga gadiitti duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachuuf kan jooran caasaaleen Koloneel Abiy Ahimed Ebla 29, 2025 aanaa Xuulloo magaalaa Gujee jedhamtu keessatti milishaan sirnichaa nama maqaan isaa Naasir Jamaal jedhamu halkan mana isaa keessatti itti seenuun rasaasa itti roobsuun ajjeesee deemuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.
Guyyaan dhufee darbu ilmaan Oromoof guyyaa gaddaa fi gadadoo malee guyyaa gammachuu yeroo tokkoof ta’eefii kan hin beekne ammas eegdota sirna nama nyaataa impaayerattiin mana isaa keessaa baafamuun guyyuu hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi dararaa garaa garaa keessummeessaa oola.
Oromiyaa biyya abbaa isaa irratti garee teessuma abbaa irree Abiy Ahimed tiksaniin gidiraa hamtuu dhala namaaf hin malle dhandhamaa kan oolu sabni Oromoo, mirga lubbuun jiraachuu ilmi namaa biyya isaa irratti qabu mulqamuun guyyuu gochoonni suukkanneessoon irratti dalagamaa jiraachuun ni beekama.

