ONM-ABO Caamsaa 4, 2025
Jiraattonni magaalaa Haramayaa dhiibbaa kaadiroota, lukkeelee sirnichaa, humnoota waraanaa fi milishootaan irratti raawwatamaa jiruun gidiraa argaa akka jiran kan himan oggaa ta’u, kanneen hojiiwwan daldalaa fi dhiyeessii adda addaa bakka bakkatti sochoosuun ofii fi maatii isaanii gargaaran maqaa heyyama seeraa hin qabdan jedhuun saamicha irratti geggeessaa akka jiran dubbatu.
Kutaalee magaalichaa cufa keessaa taarifa daldalaa maaliif hin maxxansinee, heyyama seeraa hin qabdan fi heyyama keessan hin haaressine maqaa jedhuun daldaltoota hedduu ukkaamsanii hidhuun qarshii saamanii gadhiisaa akka jiran himan.
Taateen saamichaa kunis erga jalqabee torban guutee akka jiru kan himan jiraattonni tokkoon tokkoon isaanii irraas qarshii 1000 fuudhanii gadhiisaa akka jiranis itti dabaluun himaniiru.
Kana malees bulchiinsa magaalichaa keessatti namoota bakkeewwan biroo irraa garas deeman gandummaan qooduun ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu maqaa jedhuunis kanneen hidhamaa jiran hedduu akka ta’an itti dabaluun himaniiru.


