ONM-ABO Caamsaa 4, 2025
Tajaajilli hawaasaa ibsaan ergii irraa badee baatii tokkoo fi torban ga’ee akka jiru kan himan jiraattonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruu rakkoo haalaan ulfaataa keessa akka jiranis ONM’f yaada isaanii qoodaniiru.
Midhaan bakka itti daakkatan dhabuu fi hojiiwwan ibsaan hojjetamu hundi onichatti dhaabbatee kan jiru oggaa ta’u, daa’immanii fi maanguddoo danuun rakkoo dhiyeessii tajaajila kanaan wal qabatee dhufu hanqachuun hubamaa akka jiranis itti dabaluun himaniiru.
Ibsaan kun akka deebi’uufis hawaasni irra deddeebiin dubbachaa fi iyyannaa adda addaa waajjira ibsaaf dhiyeessanis murni aangoo impaayerattii of harkaa qabu gaaffii hawaasaa kana deebisuuf fedhii akka hin qabnes itti dabaluun himaniiru.


