• Wed. Nov 25th, 2026

Afrikaa Kibbaatti yoo xiqqaate balaa daandii irratti konkolaataan uumameen namootni 15 ajjeefaman

May 5, 2025

ONM-ABO Caamsaa 5, 2025 

Galgala dheengaddaa taaksii minibaasii namootaan guutamee fi konkolaataa fe’umsaa gidduutti walitti bu’iinsa baadiyyaa Afrikaa Kibbaatti uumameen namootni 15 du’uu qondaalli geejjibaa Dilbata kaleessaa ibse.

Balaan kun naannoo halkan walakkaa hanga Dilbataatti naannoo magaalaa baha Maqooma, gara kiiloo meetira 1,000 kibba Johannesburg irraa fagaattee jirtu keessatti uumamuu dubbi himaan Geejjibaa Naannoo Unaatii Binqosee tamsaasa Newsroom Afrika’tti himaniiru.

Konkolaachiftoonni konkolaattota lamaanii namoota du’an keessaa tokko yoo ta’u, maal akka ta’e murteessuuf qorannoon akka geggeeffamu dubbi himaan kun ibseera. 

Afrikaan Kibbaa toora daandii ulfaataa fi hojiin itti baay’atu qabdi. Akkasumas du’a daandii irratti ol’aDarya gogoi. Irra caalaan du’a kanaas saffisa, of eeggannoo malee konkolaachisuun fi konkolaattota daandii dhabuutu komatama .

Balaan daandii bara 2023tti lubbuu namoota 11,800 ol ta’uu  kan galaafate yoo ta’u, isaan keessaa namootni miilaan deeman gara dhibbeentaa 45 ta’uu isaanii ragaan yeroo dhiyoo Korporeeshinii Bulchiinsa Tiraafikaa Daandii irraa argame ni mul’isa jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply