ONM-ABO Caamsaa 5, 2025
Gartuun bilisummaaf qabsoo godhu of irratti hirkachuu fi humna isaa jabeeffachuu kan hin feene abbootiin irree har’as qabsoo kallachummaa ABO-WBO’n geggeeffamaa jiru dhabamsiisee dirree bilisaa irratti uummata Oromoo dhiitee bulchuuf jecha hojiilee farra namoomaa raawwachuuf daa’imman umuriin isaanii 15 gadi ta’an maallaqaan goyyomsanii leenjii akkaataa ittiin boombii bakka WBO’n heddummatee jirutti irratti dhoosan kennaafii turuun bobbaasaa akka jiran maddeen keessoo sirnichaa ONM’f eeraniiru.
Baay’inni fi dandeettiin loltoota isaa kan isa hin amansiisne faashistichi Koloneel Abiy Ahimed, tumsa, gargaarsaa fi warra isaaf abboomaman aangoo siyaasaa kiyyaaf murteessaadha jechuun of dura qabee ajandaa badiisaa lammiilee irratti akka bocaniif bobbaasaa kan jiru oggaa ta’u, gareen badiisni sirnichaa yaaddoo itti uume daa’imman hamaa fi gaarii adda baastee hin beeknes bakkeewwan garaa garaa irraa walitti qabee lubbuu isaaniin qoosaa jira.
Yeroo ammaa kana daa’imman kana godinoota akka Qellem Wallaggaa, Baha Wallaggaa, Lixa Shaggar fi Kaaba Shaggar keessatti hojii irra oolchuus tooftaa kanaan daa’imman ergaman qabamaa akka jiran barameera.

