ONM-ABO Caamsaa 5, 2025
Gareen faashistii PP dantaa siyaasaa fi dinagdee isaanii dursuun jireenya hawaasaa barbadeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa kan jiran yoo ta’u, Caamsaa 3, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaatti maatii qabsa’aa tokko jalaa loon offachuun beekame.
Maatiin loltoota Abiy Ahimediin qabeenyi jalaa oofame jiraataa ganda Tulluu Gurraachaa kan ta’e Obbo Gaarii Teessoo nama jedhamu akka ta’es kan himamu yoo ta’u, loon lama ooffachuun akka deemanis beekameera.
Uummanni Oromoo qabsoo inni bilisummaa argamsiisuuf karoora cimaa fi tarsiimawwaa karoorfachuun bilchinaan hojii irra jiru keessatti gareen bilisummaa uummataa hin feene guyyaa guyyaan qe’ee sabichaa gama siyaas-dinagdeen dhabamsiisee jiraachuuf jecha dhiibbaa adda addaas taasisaa jira.

