ONM-ABO Caamsaa 5, 2025
Dhiibbaan saamichaa loltoota faashistii PP’n maqaa sakattaa WBO’n Giddu Galeessa Oromiyaa aanaalee akka Jibaat, Dirree Hincinnii, Jalduu, Noonnoo fi Ammayyaa keessatti raawwachaa jiru daran hammaachaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Sochiin waraanaa kunis baatiilee sadii oliif walitti fufiinsaan itti fufee kan jiru oggaa ta’u, dargaggootaa fi jaarrolee irraa bilbilootni harkaa saamamuu, maallaqni callaa fi horiin jalaa oofamaa kan jiru yoo ta’u, haawwanii fi ijoolleen shamarraniis gudeeddaan irratti raawwachaa akka jiru itti dabaluun himaniiru.
Kana malees maatii Waraana Bilisummaa Oromoo fi humna ittisaa akkasumas sabboontota hedduu ukkaamsanii hidhaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, irra deddeebiin garee moonaa qabsoo bilisummaa Oromoo ganuun diinatti galan dabalatee humnoonni waraanaa sirnichaa dhiibbaa maqaa sochii Waraana Bilisummaa Oromoo Giddu Galeessaa keessaa balleessuu jedhuun taasisaa jiraniin uummanni rakkoo ulfaataaf saaxilamaa akka jirus addeeffameera.

