ONM-ABO Caamsaa 5, 2025
Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Caalaa Fooqaa jedhamu keessatti waraanni Abiy Ahimed Ebla 30, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Obbo Dhaabaa Moosisaa fi
- Obbo Mitikkuu Damoozee
jedhaman jalaa mana gubanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Manni qonnaan bultoota kunneenii kan gubateef, badii hojjetan qabaataniif osoo hin taane, maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun yakkanii kan jalaa guban ta’uun dabalataan ibsamee jira.
Uummanni Horroo Guduruu Wallaggaa kallattii lamaan humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo fi waraana sirnichaan saamamaa, ukkaamfamaa fi ajjeefamaa kan jiru yoo ta’u, daa’immanii fi maanguddoota dabalatee hunduu yaaddoo jireenyaa hamaa keessa jira.

