• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Daannootti waraana faashistii PP’n uummatni ukkaamfamuun cimee itti fufe 

May 5, 2025

ONM-ABO Caamsaa 5, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo bulchiinsa magaalaa Daannoo Roggee keessatti waraanni faashistii PP torban darbe irraa eegaluun maqaa leenjii waraanummaa jedhuun hawaasa nagaa dirqamaan ukkaamsuun mooraa leenjiitti erguu fi gariin ammoo hidhaatti guuraa jiraachuun beekame.

Jiraattota haala kanaan ukkaamfaman keessaa kanneen maqaan isaanii nu ga’e:

  1. Qannoo Abbaa Girii,
  2. Faqqadee Dirribii fi
  3. Gaja’aa Dirribii kanneen jedhaman yoo ta’an, 

namoonni maqaan isaanii adda hin baane hedduunis jiraachuun beekameera.

Namoota armaan olitti maqaan isaanii caqafame kana badii tokko malee osoo isaan baqatanii fedha isaanii malee irratti dhukaasuun dirqamaan kan qabe miliishota gandichaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Sintaayyoo Namarraa fi
  2. Indaaloo Taarraqaa jedhaman akka ta’an maddeen himaniiru.

Leave a Reply