• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti jiraattonni loltoota Abiy Ahimediin dararamaa jiraachuun ifoome

May 5, 2025

ONM-ABO Caamsaa 5, 2025 

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa jedhamu irraa Ebla 30, 2025 loltoonni barcuma Abiy Ahimed utubuuf halkanii fi guyyaa dhama’an, namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Misgaanuu Tarfaa,
  2. Obbo Taarikuu Irqihuun,
  3. Aadde Shawwisee Mitikkuu,
  4. Guddataa Bulchaa,
  5. Nagarii Iddoosaa,
  6. Fiqaaduu Addunyaa,
  7. Aadde Balaayee Bantii jedhamanii fi 

kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee reebicha ulfaataa irratti raawwatanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru. 

Kana malees, lukkeeleen kunneen dararaa geessisan hammeessuun uummata gandichaa dirqamaan guyyoota lamaaf Ebla 30 fi Caamsaa 1, 2025 qabuun waajjira gandaa ijaarsisaa turuun ibsamee jira.

Leave a Reply