ONM-ABO Caamsaa 5, 2025
Waraanni Abiy Ahimed Caamsaa 1, 2025 namoota godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa gandoota akka Biduu Huluun, Biduu Balaa fi Sadiiqaa Tokkichummaa jedhamu irraa gara gabaa aanichaa bittaa fi gurgurtaaf deeman qabeenya isaanii daandii gubbaa dhaabbatanii eeguun akka saaman jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Keessattuu namoota gabaa bahuun midhaan nyaataa daakkachuuf fe’anii deeman irraas kan waraana bilisummaa Oromoo daaksisuu dhuftan maqaa jedhuun guutummaatti jalaa akka saamanis kan himan oggaa ta’u, uummanni abdii jireenyaa dhabuun yaaddoo ulfaataa keessa akka jirus itti dabaluun himaniiru.
Guyyaadhuma kana saamichaan cinatti namoota baay’inni isaanii 22 ta’u qabanii hidhaatti darbachuun hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, rakkoon kaadirootaa fi waraana Abiy Ahimediin gandoota baadiyyaa fi magaalaa aanichaa keessatti guyyuu raawwachaa jirus haalaan jibbisiisaa akka ta’es ibsaniiru.


