ONM-ABO Caamsaa 5, 2025
Gareen hidhattootaa adda bahuu kibba lixa Paakistaan keessatti argamu Dilbata kaleessaa haleellaa mana hidhaa Vaan irratti bananiin poolisoota shan booji’an.
Namoonni 30 hanga 40 gidduutti daandii guddaa Jimaata darbe halkan guutuu bulchiinsa Baalochistaan keessaa kutuun hidhamtootni garee poolisiitiin geejjibamu addaan ugguruu isaanii qondaalli poolisii tokko himaniiru.
“Haleellaa kana booda hidhamtootni gadhiifamaniiru garuu poolisoonni shan butamaniiru,” jechuun qondaalli poolisii olaanaa naannoo sanaa, kan miidiyaalee waliin haasa’uuf hayyama hin qabne, kaleessa AFP’tti himaniiru.
Opireeshiniin baraarsaa hojjetamaa akka ture himaniiru.
Namoonni qawwee qaban kunneenis gamoo mootummaa fi baankii naannoo sana jiru irrattis ibidda qabsiisaniiru.
Qondaalli mootummaa olaanaan maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko akka jedhanitti, namoonni lama humnoota nageenyaatiin ajjeefamuu AFP’n gabaaseera.


