• Wed. Nov 25th, 2026

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo Aanaa Baateetti maqaa WBO deggartuu fi nyaachistu jedhuun Kuduraa fi muduraan gabaaf akka hin dhiyaanne dhorkamuun ibsame

May 5, 2025

ONM-ABO Caamsaa 5, 2025 

Ebla 29, 2025 irraa eegalee tajaajilli geejjibaa baajaajii magaalaa Baatee irraa gara gandoota baadiyyaa Warra Waayyuu guutummaatti addaan citee jira. Akkasumas baadiyyaa irraa horii manaa kanneen akka gaalaa fi harreetti dhimma bahuun kuduraa fi muduraan magaalaa Baateetti akka hin dhiyaanne humnoota waraanaa fi kaadirootaan dhorkamuun ibsameera.

Uggura bulchiinsi Abiy Ahimed aanichaa kaa’e kanaan wal qabatees uummanni baadiyyaa Warra Waayyuu rakkoo hamaaf saaxilamee jira. Qonnaan bultoonni jal’isii qaban oomishaalee adda addaa gabaa baafachuu dhorkamuun qabeenyi hedduun lafatti tortoree badaa akka jirus dabaluun dubbatu.

Kana malees dhukkubsataan magaalaa dhaqee yaalamuu hin danda’u, haadhooliin da’umsaaf gahan illee Hospitaala deemuuf tajaajilli ambuulaansii akka hin jirres himameera.

Leave a Reply