ONM-ABO Caamsaa 5, 2025
Aanaa Diggaa ganda Gosanii Baabboo jedhamutti ol adeemtota hedduu dhiiga dhangalaasuun lubbuu dargaggoota kichuu ta’an danuu galaafataa kan turanii fi kan jiran lukkeeleen Abiy Ahimed, Caamsaa 3, 2025 dargaggoo maqaan isaa Daawwit Uummataa Oliiqaa jedhamutti rasaasa roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Dargaggoon kunneen badii tokkoo fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa tokkollee kan hin qabne ta’uu himuun, loltoota sirnichaan yakkamee “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhamuun kan ajjeefame ta’uu fi reeffa isaa illee waraabessi nyaatee kan jiru ta’uu dubbatu.
Aanicha guutummaa keessatti gochoonni gara jabinaa ulfaataa ta’an hawaasa meesha maleessa irratti raawwachaa kan jiruu fi namoonni hedduun waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii ba’uuf qarshii gurguddaa gaafatamaa jiraachuun dabalataan ibsameera.
Ergamtoonni Bilxiginnaa afaaniin akka waan ilmaan Oromoof dhaabbataniitti dubbachaa faallaa isaa immoo, rasaasa itti roobsuun haala duraan baraniin olitti ajaja qaama isaanii olii irraa itti kennamu dhugoomsuuf ilmaan Oromoo lafa irraa duguugaa jiru.



