ONM-ABO Caamsaa 5, 2025
Teessoo siyaasaa nam-tokkee tiksuuf jecha kaayyoo fi akeeka tokko malee akkuma looniitti olii fi gadi wal oofaa kan oolan ergamtoonni Abiy Ahimed, kutaalee impaayerattii cufa keessaa ilmaan Oromoo hunda sobaan yakkuun miidhaa ulfaataa irratti geessisaa jiru.
Aanaa Daarimuu ganda Beenaa 3’ffaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jooran yeroo ammaa kana maqaa kaffaltii deggersaa waliin isaa hin beekamneen hawaasa harka qalleeyyii irraa qarshii 5,000 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanicha keessatti saamichi kaffaltii gosa garaa garaa naga’ee hin qabneen irra deddeebiin jiraattota irratti raawwatamaa jiraachuu fi sababa kanaanis namoonni harka qalleeyyii ta’an hedduun isaanii gara itti deebi’an dhabuun qe’ee fi maatii dhiisanii baqachaa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Kana malees, aanicha keessatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirga namoomaa jaleewwan sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufee kan jiru yoo ta’u, Ebla 25, 2025 jiraataa ganda Eeffarsii kan ta’e, dargaggoo maqaan isaa Ta’anii Daanyee jedhamu osoo inni dhimma dhuunfaa isaaf gara magaalaa Daarimuu deemaa jiruu badii tokko malee “fuulli kee haaraadha” jechuun reebicha ulfaataa irraan ga’uun beekameera.



