ONM-ABO Caamsaa 5,2025
Aanaa Gidaamii ganda Afteer Saamboo iddoo addaa Goosuu jedhamu irraa Ebla 29, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Xahaa Lammeessaa jedhamu jalaa badii tokko malee mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Xahaan qonnaan bulaa abbaa ijoollee 3 fi siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa ammoo “WBO’f nyaata kennite” jechuun qe’ee fi qabeenya isaa naasuu tokko malee ibiddaan mancaasuun jireenya gadadoof saaxilanii jiraachuu dubbatu.
Kana malees, aanichuma magaalaa Qellem bakka addaa Haroo jedhamu irraa Ebla 27, 2025 abbaa daa’imman 3 kan ta’e, nama maqaan isaa Obbo Zakkaaree Barjuu jedhamu ammoo maqaa “obboleessa keetu bosona jira” jedhuun qe’ee isaatii erga ukkaamsanii booda reebicha ulfaataa irratti raawwachuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu itti dabaluun eeranii jiru.
Lukkeeleen Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa gama maraan kufte suphuuf jecha akkuma fedhan gara qe’ee uummata Oromootti bobba’uun ilmaan Oromoo hunda maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun yakkoota gara jabinaa garaa garaa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.




