ONM-ABO Caamsaa 5, 2025
Tiksitoonni impaayerattii tibbana leenjii raayyaa Ittisa Impaayerattiif karoora jedhu milkeessuuf dirqamaan ilmaan Oromoo goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guuruu hammeessuun godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Dirree Quufaa jedhamu keessatti ergamtootni Abiy Ahimed nama maqaan ishee Raaziyaa Yuusuf jedhamtu sababa ilma tokkicha isheen qabdu kan maqaan isaa Beekamaa Yaayyaa jedhamu gara leenjii waraanummaatti dirqamaan jalaa qabameef jecha yeroo ammaa haati kun balaa miidhama sammuu ishee mudateen maraattee jiraachuu jiraattonni ONM’f ifoomsanii jiru.
Akka jiraattonni naannichaa ONM dubbise jedhanitti haati ilmi duraa fuudhame kun nama umuriin bubbulte waan taateef mucaa tokkicha kana malee nama hojjetee na jiraachisu hin qabuu naaf deebisaa jettee waajjira dhaquun akka aadaa fi safuu uummata Oromootti uffata of irraa baastee fuul dura isaaniitti bal’isuun kadhattullee ilma ishee dhorkatanii reebicha ulfaataa waan irraan gahaniif jecha yeroo ammaa kana harmeen kun sammuun ishee tuqamuun dhukkuba maraannaaf akka saaxilamte jiraattonni dabaluun ONM’f eeranii jiru.
Kana malees yeroo darbe aanichuma magaalaa Jaajaa keessatti dargaggoota maqaan isaanii:
- Farahaan Saaniyyoo,
- Caalaa Abduramaanii fi
- Maammad Saanii
kanneen jedhaman gareen balaafamaan Abiy Ahimed kan mootummaa ofiin jedhu kun isin deggertoota WBO’ti, diina keenya jechuun uleen reebuun miidhaa qaamaa fi hir’ina sammuuf akka saaxilaman taasisanii jiraachuu maddeen gamasii ifoomsanii jiru.


