ONM-ABO Caamsaa 5, 2025
Bara mootummaa wayyannee keessa tooftaan master plan jedhu lafa Oromoo harka lafa jalaatiin irraa buqqisuu kan eegalte impaayerri Itiyoophiyaa har’as maqaa jijjiirachuun saamicha lafaa gaggeessuuf as bahaa jiraachuutu himame.
Bara bulchiinsi abbaa irree namtokkee Abiy Ahimed maqaa investimentii jedhuun lafa Oromoo jalatti gurgurrachuuf lammii ala waliin waligaltee tolfachuun dhaga’ameera.
Giddu-Galeessa Oromiyaa Bishooftuu Ada’aa Bargaa, Shaggar Naannawwa Finfinnee fi Gaarreen Bosona Baalee irraa Qotee Bulaa Oromoo irraa buqqisuun Kubbaaniyoota Araabaatti harka lafa jalaan gurgurameera jechuu odeessi nu dhaqqabe addessa.
Gurgurtaa lafaa kana dhugoomsuuf ykn namoota bitateef mirkaneessuuf wiixineen labsii lammiilee alaa abbaa qabiyyee godhu qophaa’ee maree bakka buutota uummata jedhamaniif darbuun barameera.
Bulchiinsi nam-tokkee Abiy Ahimed turtii waggaa torba keessatti karaalee garaa garaan gochoota adda addaa kanneen akka ajjeechaa, saamicha maallaqaa, saamicha midhaanii, saamicha loonii, hidhaa, gubaatii manneenii raawwachuun qe’ee Oromoo goolaa jira.
Bulchiinsa magalaa Shaggar keessatti bara dhufee darbuun caasaan Abiy Ahimed saamicha gaggeessuun diinagdee ofii ijaaraa hawaasa immoo moggaatti baasaa kan turee fi beenyaa malee lafa irraa kaasuun maqaa garaa garaa Itti moggaasuu faayidaa dhuunfaaf oolfachaa jiraachuun ni beekama.

