• Wed. Nov 25th, 2026

Kaabineen Israa’el tarkaanfii Gaazaa keessatti fudhatu babal’isuuf karoora raggaasise

May 5, 2025

ONM-ABO Caamsaa 5, 2025 

Kaabineen nageenyaa Muummichi Ministeeraa Israa’el Benjamin Netanyahuu haleellaa Gaazaa keessatti raawwatamu suuta suutaan babal’isuuf karoora raggaasisuun isaanii tamsaasni ummataa Israa’el Kaan Dilbata kaleessaa gabaaseera.

Waraanni Israa’el humna eeggataa isaaf ajaja waamicha kuma kudhaniin lakkaa’amu baasuu jalqabee jira. Kunis duula Gaazaa keessatti garee hidhattoota Falasxiin Hamaas irratti babal’isuuf akka ta’e, hogganaan Raayyaa Ittisaa Leetenaantii Jeneraal Eyal Zamir ibsa Dilbata darbe baaseen beeksiseera.

Ergaa viidiyoo Dilbata darbe X irratti maxxanfameen, misaa’ela milishoonni Huutii Iraaniin deggaramuun Yaman irraa Buufata Xiyyaaraa Ben Guriyoon tti dhihoo ta’u irratti raawwateen sa’aatii muraasa booda, Netaaniyaahuun  waraana Gaazaa irratti sadarkaa itti aanu mari’achuuf kaabinee nageenyaa walitti qabanii turan.

Zamiir loltootatti akka himanitti, “Uummata keenya (booji’amtoota) deebifnee hamasiinis injifachuuf dhiibbaa dabalaa jirra,” jechuu isaanii ibsa Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa bahe ni mul’isa.

Israa’el ji’a Sadaasaa keessa Gaazaa keessatti lola lafoo deebitee kan jalqabde yoo ta’u, kunis dhukaasa dhaabuun Ameerikaan deeggaramee ji’a lamaaf lola dhaabe erga kufee booda ta’uu Rooyiters Yerusaalem irraa gabaaseera.

Leave a Reply