ONM-ABO Caamsaa 6, 2025
Aanaa Suudee gandoota akka; Ashmiiraa Wargaanbuullaa, Lacee Darrabbaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa torban darbe keessa jiraattota dirqamaan waltajjii waamanii sodaachisuun nama tokko irraa maqaa “deggersa raayyaa ittisa impaayerattiif” jedhuun qarshii 1,400 humnaan guuraa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Jaleewwan PP kunneen gandoota kanneen keessatti saamicha ulfaataa ilmaan Oromoo irratti raawwatan kana ittuma fufuun, garaa garummaa guyyoota muraasaa gidduutti Caamsaa 4, 2025 maqaadhuma “deggersa raayyaa ittisa impaayerattii” jedhu kanaan hawaasa ofiifuu gara itti deebi’u dhabee gidiraa hamtuu keessa jiru kana irraa qarshii 600 dabalataan guuraa turuun barameera.
Gandoota kanneen keessatti saamichi maallaqaa irra deddeebiin jiraattota irratti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, qarshii hawaasa irraa saamaa jiran kanaanis nama tokko qarshii 30,000’n bitanii gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa jiraachuu dabaluun dubbataniiru.
Koloneel Abiy Ahimed kufaatii dinagdee impaayerattii mudatee jiruun wal qabatee egeree teessuma aangoo isaaf sodaa guddaa keessa seenuun yeroo ammaa kana haala duraan amaleefateen olitti jaleewwan isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun saamicha daangaa darbeen dinagdee isaa jalaa mancaassisaa jiraachuun ni beekama.



