ONM-ABO Caamsaa 6, 2025
Murni dantaa dhuunfaa isaaf jecha naasuu tokko malee uummata nagaa irratti gocha hammeenyaa raawwachaa oolu Bilxiginnaan godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Giiphoo bakkoota addaa addaa keessatti dhalattoota Oromoo irratti saamicha, hidhaa fi dararaa garaa garaa geggeessaa jiraachuun ifoome.
Haaluma kanaan Sanbata darbe Caamsaa 3, 2025 waraanni faashistii PP ganda Giiphoo bakka addaa Damaddas jedhamee waamamu keessatti maanguddoo Oromoo tokko nama maqaan isaa; Mul’ataa Faradaa jedhamu badii malee mana jireenyaa isaatii ukkaamsuun waajjira gandichaatti geessuudhaan reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda, qarshii 25,000 harkaa saamuun gadi lakkisuun beekame.
Bifuma wal fakkaatuun torban darbe Ebla 29, 2025 murni maafiyaan PP ganduma Giiphoo bakka addaa Oddoo Abbaa Xaafii jedhamutti dargaggoota Oromoo lama kanneen maqaan isaanii:
- Dhufeeraa Raggaasaa fi
- Baashaa Adulaa
jedhaman sababa sobaa hariiroo Waraana Bilisumma Oromoo qabdu jedhu itti maxxansuun hidhee hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Akka maddeen himanitti gochi wal fakkaataan akkasii aanicha keessatti irra deddeebiin sabboontota ilmaan Oromoo irratti ergamtoota sirnichaan raawwatamaa ooluu himuun, uummanni dararaa ulfaataa kana keessa jiru qaama itti iyyatu tokkollee dhabee qe’ee fi qabeenyuma isaa keessatti badii tokko malee birrataa akka jiraatus itti dabaluun Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

