ONM-ABO Caamsaa 7, 2025
Akka BBC’n gabaasa kaleessa qabatee ba’een ibsettti Deetaa Ministeera Nageenyaa fi miseensa Caffee Oromiyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aa paartiin badhaaninaa qajeeltoo ittiin taliigamu waan sarbeef akka ugguramu ykn haqamu gaafataniiru.
Xalayaa Boordii Filannoof barreessan kan BBC’n argate akka agarsiisutti kora lammaffaa paartii badhaadhinaa qeeqaniiru.
Paartiin badhaadhinaa kora isaa lammaffaa Amajjii 31-Guraandhala 2, 2025’tti gaggeeffate irratti komii qaban kan dhiheessan Obbo Taayyee Danda’aa, ”korichi karaa waliin dhahameen gaggeeffame,” jedhan.
”Sababni ammoo seerri ittiin bulmaataa paartichaa tuffatamee gatamuudha.”
Bu’uura seera ittiin bulmaataa paartii badhaadhinaa Bitootessa 2022 ragga’een, keewwata 16, keewwata xiqqaa 10 jalatti ”miseensonni paartichaa hundinuu kora paartichaa irratti kallattiin ni hirmaatu,” jedhus kun raawwachuu dhabuun paartichi qajeeltoo kaawwateen taliigamaa akka hin jirre ibsan.
Kora jalqabaa sana irratti miseensota filaman 225 keessaa tokko ta’uu kan ibsan Obbo Taayyee Danda’aa ”ragaa kana boordiin filannoo of harkaa qaba,” jedhan.
”Haa ta’u malee paartichi seera ittiin bulmaataa isaa sarbuun kora isaa lammaffaa irratti hirmaachuu na dhorkeera,” jechuun boordii filannootti iyyachuu isaa BBC afaan Oromoo irraa gabaasni arganne ni addeessa.

