• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Qellem Wallagaa Aanaa Sayyoo keessatti miseensi raayyaa ittisa impaayerattii 2 WBO’tti harka kennatan

May 7, 2025

ONM-ABO Caamsaa 7, 2025 

Kaleeessa Caamsaa 6, 2025 aanaa Sayyoo mooraa waraanaa PP ganda Dorgommee keessaa loltootni barcuma Abiy Ahimed akka tiksaniif bobbaafaman lama mooraa waraana faashistii PP ganuun irree fi abdii uummata Oromoo kan ta’e gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu maddeen WBO gamasii ONM’f eeran.

Loltootni kunneenis dhiibbaa guddaa ilmaan Oromoo irra ga’aa jiru ilaaluu jibbanii ba’uu himuun, ilaalchi sanyummaa mooraa waraanaa sirnichaa keessatti dagaagee jirus daran hammaachuun ilmaan Oromoo mooraa Abiy Ahimed keessa jiran guyyaa guyyaan hidhamuu fi ajjeefamuun hammaachaa jiraachuus dabaluun ibsanii jiru.

Gama meeshaatiin:

  • Qawwee AKM 2,
  • Hidhannoo 2,
  • Rasaasa AKM 400 fi
  • Boombii F1 1 

mooraa diinaa keessaa fuudhanii ba’uun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchanii jiru.

Loltootni Abiy Ahimed duraanii kunneen osoo hin beekin murna saba isaanii duguugaa jiruuf qawwee baatanii tajaajilaa turuu isaaniif uummata Oromoo dhiifama gaafachuun, simannaa WBO’n isaaniif godhettis hedduu akka gammaddan himaniiru.

Ilmaan Oromoo goyyomsaa fi dirqiin murna Bilxiginnaaf ergamaa jiraniin yeroon osoo jiruu hidhannoo fi qawwee keessan waliin gara WBO’tti makamuun biyya keessan Oromiyaaf lolaa jechuun dhaamsa darbarsaniifii jiru.

Leave a Reply