ONM-ABO Caamsaa 7, 2025
Waraanni Impaayerattii safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsuu itti fufuun godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawaa ganda Hemaa Kinshoo jedhamu keessatti Caamsaa 2, 2025 shamarree ganna 12 maqaan ishee Quutuu Birbirsaa jedhamtu osoo isheen mana barumsaatii galtuu ajajaan waraanaa magaalattii kan maqaan isaa Gadaa jedhamu qubsuma tolfatee karaa irratti eeguun yakka gudeeddaa irratti raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Akka maddeen gamasii ibsanitti gochi hamminaa fi gara jabummaan guute kun uummata Oromoo aanichaa irratti deddeebi’ee mul’achuu irraan kan ka’e jiraattonni rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuu himuun, akkuma guutummaa aanaalee godinichaatti ajjechaa suukkanneessaa fi gochi safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsu akkasumas dararaa maqaa adda addaa sababeeffateen uummatichi miidhama ulfaataa fi egeree yaaddessaa keessa jiraachuu miira gaddaa fi abdii kutannaatiin dubbataniiru.
Murni Abiy Ahimediin bobbaqfame yeroo darbes daa’ima waggaa 10 gadii Simboo Biraanuu jedhamtu Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti gudeeduun akka isheen hin himanneef ammoo fannisanii ajjeesuun ni yaadatama.


