ONM-ABO Caamsaa 7, 2025
Hindiin Roobii kaleessaa Paakistaan naannoo Kaashimiir haleeluun barame. Paakistaanii fi Hindiin waggoota kurnan lamaa oliif diinota hidhannoo niwukilaraa qaban yoo ta’u, yeroo ammaa lola hamaa ta’een jeettiiwwan loltoota Hindii shan gama Paskistaniin rukutamaniiru.
Hidiin bakka “bu’uuraalee shororkeessummaa” Paakistaan 9 akka rukutte kan himte yoo ta’u, isaan keessaa tokko haleellaa hidhattoota Hinduu shororkeessummaa turistoota irratti raawwataniin kan walqabate yoo ta’u, ji’a darbe Hindii Kaashimiir keessatti namoota 26 ajjeesanii turan. Islaamaabaad bakkeewwan Paakistaan ja’a irratti xiyyeeffatanii akka turan, isaan keessaa tokkollee mooraa hidhattootaa akka hin taanee fi namoonni 8 du’uu dubbataniiru.
Humnoonni Hindii waajjira muummee gareewwan hidhattoota shororkeessitootaa Jayish-e-Mohammed fi Lashkar-e-Tayibaa haleeluu isaanii maddi ittisaa Hindii Rooyitarsiif ibseera.
Ministeerri Ittisaa Hindii ibsa baaseen, “Hindiin xiyyeeffannoo fi mala raawwii filannoo irratti of qabuu guddaa agarsiifteetti.
Paakistaan akka jettetti misaa’eloonni Hindii bakka sadii kan rukutan yoo ta’u, dubbi himaan waraanaa tokko xiyyaaronni Hindii shan rasaasaan rukutamuu isaanii Rooyitarsiif himaniiru. Himanni kun garuu gama Hindiin hin mirkanoofne.
Haa ta’u malee, maddeen mootummaa naannoo afur Kaashimiir Hindii Rooyitarsiif akka himanitti, halkan naannoo Himaalaayaa bakkoota adda addaatti jeettiiwwan waraanaa sadii akka kufan himaniiru.
Paayileetonni sadan isaaniiyyuu hospitaala galanii akka turan maddeen dabalaniiru. Odeeffannoo kana mirkaneessuuf qondaaltonni Ministeera Ittisaa Hindii battalumatti hin argamne.
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp lola kana “qaanii” jechuun itti dabaluudhaanis, “Ariitiin akka xumuramu abdiin qaba” jedhan.
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez biyyoota lamaan irraa waraanni akka dhaabbatu gaafataniiru jedhan jechuun dubbi himaan isaanii himuu gabaasa dheeraa Rooyiters ganama har’aa qabatee ba’e ni addeessa.


