• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Fantaallee keessatti hidhaa fi reebichi murna PP’n uummata irratti taasifamu hammaachuun dhaga’ame 

May 8, 2025

ONM-ABO Caamsaa 8, 2025 

Waraanni goolessaan impaayerattii kan murna tokko qofa barcuma irratti tiksuuf bobbaafaman godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Baddannootaa jedhamu keessatti Ebla 5, 2025 uummata nagaa irratti reebicha ulfaataa fi dararaa hidhaa daran hammeessuun nama nagaa fi haadha maatii kan taate Aadde Roobee Buudee kan jedhamtu badii tokko malee cuubeen morma ishee irra waraanuun harmee reefuu deessee daa’ima baatii 7 isheen harkaa qabdu irrattis reebicha ulfaataa raawwatanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Haati ilmoo ishee daa’ima baatii 7 waliin waraana sirna dhab-leessa Abiy Ahimediin dhaanamte kun balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi deggarsa qaama siyaasaa kamiifuu dantaa kan hin qabne ta’uu ibsuun, jaleewwan sirnichaa aadaa fi safuu hawaasichaa mancaasuuf ergama diinummaa fudhatanii bobba’an ammoo sababa Oromummaa ishee qofaaf yakkuun akka reebanis dubbatu.

Oduu hidhaatiin ammoo gandichuma keessaa namoonni nagaan badii tokko malee ergamtoota Abiy Ahimed hawaasa nagaatti duulchiseen butamuun, dararaan hidhaa fi reebichi ulfataan hanga ajjechaa lubbuutti irratti raawwatamaa jiraachuus ONM odeeffateera.

Namoota hidhamuun gidirfamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Hawaas Dilbii,
  2. Halaakuu Roobaa Turaa,
  3. Fantaallee Jiloo Tarree kanneen jedhamanii fi 

namoota hedduu maqaan isaanii ammaaf hin ibsamin dabalatee bakka Gidaaraa jedhamu geessuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading