• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Walloo Aanaa Baateetti hidhattoota Abiy Ahimediin hidhaa, reebichaa fi saamichi jiraattota nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe 

May 9, 2025

ONM-ABO Caamsaa 9, 2025 

Caamsaa 7, 2025 aanaa Baatee ganda Malkaa Luugoo Araddaa Faca’aa irraa badii tokko malee qonnaan bultoota danuu garmalee reebuun magaalaa Baateetti kan hidhan yoo ta’u, isaan keessaa muraasni maqaan nu ga’es:

  1. Abduu Sayid Mahaammad,
  2. Mohaammed Indiris Mohaammed,
  3. Usmaan Indiris Mahaammad fi 

araddaa ganda Gooraa irraa ammoo:

  1. Adam Sayyee,
  2. Abduu Awwaluu,
  3. Musxafaa Alii,
  4. Abduu Muusaa,
  5. Abduu Huusan fi 
  6. Maammee Huusan kanneen jedhamaniidha.

Aanichumatti Caamsaa 6, 2025 ganda Samaa irraa qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Hasan Mahaammad,
  2. Abduu Sayid Ibraahim,
  3. Nuuriyyee Sayid Ibraahim,
  4. Indiris Sayid Qawwii,
  5. Huseen Indiris Sayid,
  6. Awwaluu Huseen Aliyyuu fi
  7. Sayyoo Adam Iddiyyee oggaa ta’u, 

ganda Jaldeettii irraa ammoo:

  1. Sayyoo Adamuu,
  2. Abduu Aliyyee,
  3. Madiinaa Abdulee yoo ta’u,

ganda Sallaaxxee irraayis:

  1. Abduu Sayidii fi 
  2. Maammee Abduu dabalatee namoota danuu waajjira Poolisii magaalaa Baateetti hidhaniiru.

Oduu saamichaatiin ammoo aanichumatti Caamsaa 5, 2025 itti gaafatamaan waajjira milishaa sirnichaa namni maqaan isaa Mahammad Sayid (Moommaduu) jedhamu ganda Danbiitti maatii qabsaa’otaa gadda taa’aa jiran jalaa midhaan nyaataa harree shan, shiroo harree tokkoo fi barbaree harree tokko jalaa fudhachuun milishoota isaaniif mooraatti buusuun yoo qoqqooddatan, guyyaadhuma sana maatii qabsaa’otaa dabalatee namoota gadda taa’aa turan shan ukkaamsanii hidhaatti darbachuu gabaasni aanaa Baatee irraa nu qaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading