• Sun. Jan 11th, 2026

Hidhattootni sirnichaa Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti dubartii ulfaa tokko yoo ajjeesan, Aanaa Hawwaa Galaan keessatti ammoo namoota nagaa lama ajjeesan

May 9, 2025

ONM-ABO Caamsaa 9, 2025 

Ergamtootni Bilxiginnaa lafa waraanni bilisummaa Oromoo keessa hin sochoone odeefachuun irraa maqanii, akka waan sakatta’isaaf bobba’aniitti qe’ee hawaasaa keessa naanna’uun namoota nagaa manaa gadi fuudhuun ajjeesuu itti fufanii jiru.

Caamsaa 6, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Canqoo iddoo addaa 23 jedhamutti hidhattootni Abiy Ahimed namoota maqaan isaanii:

  1. Sharif Kamaal fi
  2. Abdulsalaam Aliyyii  

jedhaman badii tokko malee manaa gadi fuudhuun ajjeesanii deemuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.

Akka jiraattotni jedhanitti Sharif Kamaal abbaa ijoollee lamaa ta’uu fi Abdulsalaam Aliyyii ammoo erga bultii ijaarratee reef torbee tokko ta’uu gabaaasuun, namootni kunneen badii balleessan qabaataniif osoo hin taane hidhattootni kunneen iddoo bosonatti seenanii WBO sakattaan qe’ee hawaasaatti bobba’uun namoota nagaa ajjeesuu waan amaleeffataniif ta’uu himu.

Oduu ajjeechaa biroon, Caamsaa 7, 2025 godinichuma aanaa Sayyoo ganda Riphaa Guutee Sooyyamaa bakka addaa Qasrii jedhamutti dubartii ulfaa, haadha ijoollee lamaa kan taate daa’ima sadaffaa garaadhaa kan qabdu maqaan ishee Aadde Alemnash Dassaaleny kan jedhamtu gara laafina tokko malee mana isheetii gadi fuudhuun ajjeesanii deemuu jiraattotni ONM’f himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading