• Sat. Mar 14th, 2026

Gareen finciltootaa Yaman Huutiin gara buufata xiyyaaraa Israa’el Ben Guriyoonitti misaa’ela dhukaasuun beeksise

May 10, 2025

ONM-ABO Caamsaa 10, 2025 

Gareen Yaman Huutiin Jimaata kaleessaa misaa’ela gara buufata xiyyaaraa Ben Guriyoon giddu galeessa Israa’el jirutti dhukaasuun buufata xiyyaaraatti hojii dhaabsiseera.

Ibsi waraanaa Huutii akka jedhutti humni rookkeettii garee kanaa buufata xiyyaaraa Ben Guriyoon kan misaa’ela balistikii haaypersoonikii qabu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, gara sa’aatii tokkoof buufata xiyyaaraatti hojii dhaabuuf sababa ta’eera.

Kanaan dura waraanni Israa’el misaa’ela Yaman irraa dhukaafame karaa sirna ittisa qilleensaa isaatiin addaan kuteera jedheera.

Miidiyaaleen Israa’el, The Times of Israel News Portal dabalatee, akka gabaasetti, saayireniin qilleensarraan naannoo hedduutti akka dhaga’amu kan dubbatan yoo ta’u, namoonni waa’ee haleellaa misaa’elichaa ergaawwan moobaayilaa akeekkachiisa dursanii argataniiru.

Itti dabaluudhaanis, sochiin balalii fi hojiin buufata xiyyaaraa Ben Guriyoon, buufata xiyyaaraa guddaa Israa’el, yeroo misaa’ela furguggifamu dhaabatee boodarra deebi’ee eegale jedheera.

Portaaliin oduu kun misaa’elli Yaman irraa furguggifame sirni ittisa qilleensaa Ameerikaa THAAD erga darbee booda sirna ittisa qilleensaa fagoo Israa’eliin akka addaan cite hubachiiseera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading