ONM-ABO Caamsaa 10, 2025
Finxaaleeyyiin Amaaraa jibba ilmaan Oromoof qaban ergamtoota Abiy Ahimediin utubamanii hidhannoo guutuun hawaasa Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuu, saamuu, bakka buutee dhabamsiisuu, ajjeesuu fi ukkaamsanii qarshii guddaa gaafachuun hiraarsaa ulfaataa irraan gahaa jiru.
Aanaa Kiiramuu ganda Qoqooffee bakka addaa Andoodee jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho’an Kamisa darbe halkan Caamsaa 8, 2025 sa’atii 4:00’tti mana isaanii keessaa namoota maqaan isaanii:
- Maammoo Goobanaa fi
- Gooftaayee Goobanaa
jedhaman ukkaamsanii haala suukaneessaa ta’een ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, hidhattoonni kunneen erga lubbuu qonnaan bultoota kanneenii galaafatanii booda, horii gaanfaa fi qabeenya isaan mana keessaa qaban hunda hanga baachuu dadhabanitti saamanii deemuu dubbatu.
Hanga ammaatti qaamni isaaniif birmate kan hin jirre yoo ta’u, qaamoleen Bilxiginnaa bulchaa aanaa irraa hanga jaleewwan xixiqqootti finxaaleeyyii kanneen gargaaruun hawaasa Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuun duguuggaa sanyii irratti kan argaman ta’uun hawaasni aanichaa guutummaan rakkoo hamaa keessa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.



