• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Keessatti waraanni Abiy Ahimed walitti dhukaasuun wal irraa ajjeesan

May 10, 2025

ONM-ABO Caamsaa 10, 2025 

Gareen faashistii PP barcuma aangoo isaa jabeeffachuuf dargaggoota sagantaa siyaasaa isaa hin beeknee fi itti hin amanne humnaan qe’ee isaanii irraa qabuun leenjii kenneefii akka saba isaanii ajjeesaniif bobbaasus bakkoota hedduutti walii galteen gidduu isaaniitti dhabamuun yeroo wal ajjeessan mul’ata.

Haaluma kanaan Caamsaa 8, 2025 galgala godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii magaalaa Shinoo keessatti loltootni Abiy Ahimed qarshii uummata irraa saamaa oolaniin dhuganii machaa’uun qawwee firaa fi ormaa adda baasee hin beekne walitti garagalchuun walitti dhukaasaniin hedduu wal irraa ajjeesuun barameera.

Loltootni barcuma Abiy Ahimed akka tiksaniif siyaasa sobaa gama tokkoon mootummaa Oromooti gama biraan ammoo Itiyoophiyaa guddittii deebisnee ijaarra jedhu barsiifamanii ba’an kun abdii abjuu dhugoomsuu gamatti dhiisanii saba, ilaalcha siyaasaa, aangoo, faayidaa fi gandaan wal qoodanii walitti dhukaasuun miseensaa hanga hoogganaatti wal irraa ajjeesaa oolu.

Gareen badii Abiy Ahimediin hoogganamu kun loltoota naamusa qabu (professional) ta’e qabna, kan biyyaa fi saba isaaf wareegamu horannee jirra jedhanis qe’ee hawaasaa keessa deemuun madda aangoo kan ta’e uummata ajjeesuu irra darbanii warra kaayyoo tokkoof bobbaane jedhan irratti ajjeechaa raawwachuun sabatiinsi mooraa isaanii keessa akka hin jiraanne taasisaa jiraachuu yaaddoo fi dubbii gara dabarsuuf yaada qondaaltotni isaanii dubbatan irraa hubachuun ni danda’ama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading