• Wed. Jan 14th, 2026

Mootummaan Jibuutii lammiilee baqqattummaan achi keessa jiraachaa turan maqaa heyyama seerawwaa hin qabdan jedhuun ari’aa jiraachuun dhaga’ame

May 10, 2025

ONM-ABO Caamsaa 10, 2025 

Biyya abbaa isaa irratti hojjetatee jiraachuu fi nagaan bobba’ee galuu kan dadhabe uummatni Oromoo dhiibbaa murni Bilxiginnaa guyyaa dhiyee bari’uun irratti taassisu dheessuuf gara naannoolee ollaa fi biyyoota ambaa garaa garaa keessatti faffaca’ee kan jiru uummatni Oromoo, achitti nagaa argachuu dhabuun rakkoo keessa seenee jira.

Keessattuu biyyoota akka Jibuutii, Yaman, Soomaaliilaand, Puntland, Sawuud Arabiyaa fi kanneen biroo keessatti dararaan hanga lubbuu galaafatu irra ga’aa jira. Tibbana ammoo “Mootummaan Jibuutii lammiilee cunqursaa Impaayerattii fi rakkoo dinagdeef gamasitti baqatanii jiraatan wal dhabdee fi dogoggora dippilomaasii Abiy Ahimediin Jibuutiin Masirii waliin hiriiruun heyyama seeraa malee biyya keenya keessa jiraachuu akka hin dandeessanii fi baatii tokko keessatti fedhii isaaniitiin akka biyya isaa gad lakkisaniifii bahan dirqama itti gochuun ni beekama.

Kanuma hordofees ibsa Caamsaa 9, 2025 baaseen warri hanga ammaatti nagaan baatan galatoomaa jechaa, guyyaa jedhame kana warra osoo hin bahin hafee jiru irratti humnoota waraana isaa itti bobbaasuun dirqamaan qabee gara biyya irraa dhufaniitti akka deebisu dhaadataa jiraachuu  ibsa baaseen ifoomsee jira.

Bulchiinsi Abiy Ahimed ammoo lammiilee biyyoota baqaa keessatti Yaman keessatti xiyyaara Ameerikaatiin miidhaman Liibiyaatti garee finxaaleessan saamamanii fi ajjeeffaman, Puntland, Soomaaliilaand fi Jibuutii irraa Itiyoophiyaatti qabeenya horatan dhiisanii dirqiin deebifamaa jiran deebisee qubachiisuun dinagdee isaanii fooyyessuu irra dargaggoota keessaa filee mooraa leenji waraanaa galchaa fi ilaalcha siyaasaan hidhaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading