ONM-ABO Caamsaa 12, 2025
Gara laafinaa fi naamusni waraanummaa irraa kan hin calaqqisne waraanni Bilxiginnaa, golee Oromiyaa mara keessatti maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobba’an lolaan WBO dura dhaabbachuu dadhabuu irraan kan ka’e maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo adamsee ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuu hojii idilee isaa taasifatee jira.
Haaluma kanaan Caamsaa 9, 2025 Waraanni sirnichaa aanaa Boonayyaa Boshee ganda Boshee Timbaakkoo keessatti haadha ilmaan 3 kan taate nama maqaan ishee; Aadde Shiibirree Taakkalaa jedhamtu badii tokko malee mana jireenyaa isheetii ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himaniiru.
Aadde Shiibirreen hojii qonnaa hojjechuun rakkattee ijoollee ishee akka jiraachifattuu fi armaan dura badii seeraa tokkollee hojjettee hidhamtee akka hin beekne himuun, ammas yakka qabaatteef osoo hin taane saamicha murni maafiyaa PP maqaa gibiraatiin uummata nagaa irratti geggeessaa jiru kaffaluu waan dadhabdeef haala nama gaddisiisuun qe’ee fi qabeenya ishee irraa hidhaatti akka darbatamtes himaniiru.

