ONM-ABO Caamsaa 12, 2025
Mootummaa Falasxiin galmaan ga’uuf karaan hundarra gaariin qabsoo nagaatiin malee qabsoo hidhannootiin miti jedhan itti aanaan pirezidaantii Abbaa Taayitaa Falasxiin Huseen Al-Sheeh Dilbata kaleessaa Al Arabiyaatti kan himaniiru yoo ta’u, Hamaas qawwee akka lafa kaa’u gaafataniiru.
Al-Sheek gaaffii fi deebii taasisaniin, qoqqoodinsi keessoo dhimma meeshaa waraanaa siyaasaan akka raawwate hubachiisaniiru.
Abbaan Taayitaa Falasxiin “Hamas waliin wal qunnamtii qabna… yeroo ammaa kanas sochii kana waliin marii taasisaa jirra,” jechuun Al-Sheek garee hidhattootaa yeroo ammaa Israa’el waliin Gaazaa keessatti waraana irra jiru eeruun dubbatan.
Itti dabaluudhaanis, “Haamaas qawwee isaa dhiisee abbaa taayitaa tokko jalatti walii galuu qaba” jedheera.
Namni kun ji’a darbe pirezidaantii Falasxiin Mahmuud Abbaasiin, itti aanaa pirezidaantii dhaabbata bilisummaa Falasxiin (PLO) ta’uun muudaman.
Bara 1964 kan hundeeffame PLOn, ummata Falasxiin bakka bu’uun waliigaltee idil-addunyaa irratti mari’achuu fi mallatteessuuf aangoo kan qabu yoo ta’u, PAn ammoo bulchiinsa kutaalee Falasxiin keessatti itti gaafatamummaa qaba.

