• Wed. Nov 25th, 2026

Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina addaa Maa’oo-Koomootti waraanni raayyaa ittisa Impaayerittii namoota nagaa hidhuu jabeeessan

May 12, 2025

ONM-ABO Caamsaa 12, 2025 

Naannoo Beenishaangul Gumuz godina addaa Maa’oo-Koomoo aanaa Toongoo ganda Guuree keessatti Caamsaa 9, 2025 waraanni raayyaa ittisa impaayerattii namoota nagaa badii tokko malee isin deggartoota WBO’ti jechuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himan.

Namonnii hidhaman kunneenis:

  1. Muusaa Useenaa, 
  2. Awwal Useenaa, 
  3. Raamadaan Useenaa, 
  4. Maammad Useenaa, 
  5. Ashee Useenaa,
  6. Jamaal Useenaa,
  7. Maammuud Gammee,
  8. obboleeyyan kan ta’an Abdii Affaarii fi
  9. Fiqaaduu Affaarii kanneen jedhaman Waajjira poolisii Toongootti hidhanii gidiraa hamaaf saaxilaa jiraachuun beekame.

Sababni hidhamuu namoota kanneenis maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo tumsitu jedhuun akka ta’es jiraattotni onichaa kan himan yoo ta’u, dhiibbaan qoodinsaan ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jirus haalaan ulfaataa ta’uu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessaniiru.

Leave a Reply