• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti loltoonni Bilxiginnaa dhalootaan Amaaraa ta’an gara Faannootti badaa jiraachuu hordofee waldhabdeen isaan gidduutti dhalataa jiraachuun barame

May 13, 2025

ONM Caamsaa 13, 2025  

Loltoonni Abiy Ahimed impaayerattii jiguu geesse kufaatii jalaa baraaruuf halkanii fi guyyaa ifaajjii guddaa godhanii hoggaa dadhabanii fi kufuu impaayerattii mirkaneeffatan walii isaaniin walitti garagalanii wal fixuu fi keessaa baduun mooraa Bilxiginnaa onsaa jiru. 

Murni abbaa irree Bilxiginnaa buufata waraanaa aanaa Giddaa Ayyaanaa godhatee gara aanaalee shaniitti bobbaasuun hawaasa garmalee dararaa kan jiru yoo ta’u, yeroo adda addaatti loltoonni isaa qoqqooddaa sanyiin walqabatee rakkoo keessoo isaaniitti uumamu furuu dadhabuun walii isaaniin walitti garagalanii wal fixaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Loltoonni sirnichaa dhalootaan Amaaraa ta’an kufaatii siyaas-dinagdee impaayerattii mudate irraa abdii kutachuun gara finxaaleeyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho’aniitti dabalamaa waan jiraniif loltoonni dhalootaan Oromoo ta’an dirqama itti kenname “dhalattoota Amaaraa addatti eeguu hin dandeenyu, rakkoo tokkummaa nu hanqisetti furmaata godhaa fi qawween asii deemu nuunis uummata keenyas ajjeesaa jira jechuun mooraa isaanii keessatti dabalataan wal dhabdee fi jeequmsi uumamaa jiraachuun dabalataan ibsamee jira. 

Torban darbe keessa aanaadhuma kana ganda Andoodee Dichoo jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa hawaasa Oromoo hedduminaan ukkaamsuu hordofee, loltoonni Bilxiginnaa garas imalanii kan turan, dhalattoonni Amaara ta’an ajajaa shantamaa dabalatee loltoonni hedduun walgurmeessuun mooraa Bilxiginnaa onsanii gara Faannootti baduun isaanii baramee jira. 

Loltoonni kunneen hoggaa mooraa Bilxiginnaa keessaa gara Faannootti badan, hawaasa Oromoo akkuma argan hiraarsaa waan jiraniif hawaasni aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu rakkoo hamaaf saaxilamanii jiraachuun himamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading