• Tue. Jan 13th, 2026

Ogeeyyiin fayyaa impaayerattii labsii waliigalaa hojii dhaabuu taassisuu akka danda’an irra daddeebiin ibsaa jiraachuun beekame

May 13, 2025

ONM-ABO Caamsaa 13, 2025 

Gaaffiin keenya dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti kan jedhan ogeeyyiin fayyaa impaayerattii keessatti argaman bakkeewwan adda addaattis mormii agarsiisaa jiraniin hidhaa fi dararaan adda addaas walitti fufiinsaan irratti adeemsifamaa akka jirus dubbatu.

Kanumaan kan walqabatus daballii miindaa gaafanneef deebiin waaraan hin kennamu taanaan labsii hojii dhaabuu baafanne hojiitti hiikuufis haal duree xumurreerra jechuunis himaniiru.

Ogeeyyiin fayyaa gaaffiiwwan dhiheessan keessaa gaaffiin daballii miindaa isa tokko yoo ta’u innis giddu galeessaan ji’aan doolaara 1000 gaafataniiru.

Yaada dhaabbanni fayyaa addunyaa kaa’e rratti hundaa’uudhaanis yeroon hojii saatii 48 fi torbeedhaanis akka daanga’u akkasumas yeroon boqonnaa gahaan akka jiraatus gaafatan.

Ogeeyyii fayyaa kanaaf maanni kiraa isaaniif malu, deeggarsa baankii fi durgoo akkasumas ogeeyyii fayyaa osoo hojii irra jiranii dhukkubaaf saaxilamaniif beenyaan dabalataa akka kennamuuf gaafatanii jiru.

Ogeeyyiin fayyaa kunneen akkuma hojjeetaa mootummaa kamiittiyyuu Waraqaa enyummeessaa fi tajaajila geejjibaa bilisaan fayyadamaa akka ta’an illee gaafataniiru.

Tibba kanas ogeeyyiin fayyaa mudannoo isaan muudatee fi haala keessa jiran tokko tokko gama miidiyaa hawwaasaa garaa garaatiin ba’anii dubbachuu irrattis argamu.

Gaaffiin keenya gaaffii siyaasa biroo osoo hin taane dhimma lubbuun jiraachuuti kanaan dura lubbuu namootaa du’a irraa baraaruu irratti argamna, amma garuu of baraaruutu dursa, daabboo nyaannee bulufuu qaalayinsa jireenyaaf miindaan keenya wal darbee jira jechuu Arbaaminci, Dabrebiraan, Xuqurambassaa fi waliigala hospitaala Wallaggaa adda durummaa gaaffii isaanii dhiyeessuutti argamu.

Akkuma yeroo darbe ogeeyyiin fayyaa guutuu impaayerattii keessaa labsii waliigala hojii dhaabuu taassisuu akka danda’an akeekkachiisanii turan guyyaa har’aa Caamsaa 13, 2025 irraa eegalee buufata yaalaa garaa garaatti labsiin kun hojii irra ni oola jedhamee eegamaa jiraachuun guyyaa xumuraa irra akka jiranis dhaadachaa turaniiru.

Waggoottan dheeraaf ogummaa kanaaf aarsaa guddaa kafallee jiraachuuf rakkanne kan jedhan ogeessonni fayyaa kunniin, dheekkamsa isaanii ji’oota muraasaa as ifaan ifatti miidiyaa hawaasummaa irratti ibsachuun sirreeffamni akka taassifamuuf gaafachaa kan turan yommuu ta’u, hojii dhaabuuf guyyaan itti dirqaman ga’ee jiraachuu fi guyyaa har’aa irraa eegalee tajaajila akka addaan kutan akeekkachiisanii jiru.

Guyyaa boruu irraa eegaluunis tajaajila yaalii hatattamaa irraa kan hafe hawaasni akka hin burjaajofne maxxansaalee fi ragaawwan manneen yaalaa biyyatti garaa garaa fi miidiyaalee addaa addaa irraa mul’achaa jiru.

Sirni Bilxiginnaa Bulchiinsa impaayerattiin of harkaa qaba jedhu gama isaatiin dhimma kanaan walqabsiisuun ibsa taasise kan hin qabne ta’us bakkoota garaa garaatti ogeeyyiin fayyaa dhimma kanaan Wal qabsiisanii reebichaa ulfaataa, mataa dhoosuu, hidhaa fi karaa nama piroppogaandaa isaa Laggasee Tulluu Baandaa ittiin jechuun ni beekama.

Garuu Ogeessonni fayyaa kun gaffii isaaniif sodaa malee osoo booda hin deebine “Namoota Fayyisaa ofii immo Dhukkubsanne” kan jedhan ogeeyyiin yaalaa kunniin “jireenyaaf bu’uura wantoota ta’an kannneen akka nyaata, uffataa fi mana jireenyaa dhabuu irraa kan hafe jireenya qananii hin hawwine, hawaasa keenya tajaajiluufis sassannee miti” jechuun gaaffii isaanii itti fufanii jiru.

Dhimmi keenya dhimma lubbuun jiraachuuti jechuun ammallee itti fufuun hojii dhaabuuf qophii ta’anii waan jiraniif dhimmichi isaan qofa kan hin ilaallanne sekteroonni biroonis yaaduma wal fakkaatu waan qabaniif jala buunee hordofnee kan isiniif gabaasnu ta’a.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading