• Fri. Nov 20th, 2026

Baay’inni namoota biyya keessaa buqqa’anii addunyaa guutuutti miliyoona 80 yeroo jalqabaaf caaluu gabaasni mul’ise 

May 14, 2025

ONM-ABO Caamsaa 14, 2025 

Namoonni miliyoona 83.4 ta’an dhuma bara 2024’tti buqqa’iinsa keessoo keessa jiraachaa kan turan yoo ta’u, lakkoofsa olaanaa galmaa’e kan agarsiisu ta’uu gabaasni addunyaa buqqa’iinsa keessoo 2025 Kibxata kaleessaa ba’e ni mul’isa.

Lakkoofsi kun kan gadhiifame, Giddugala Hordoffii Buqqa’iinsa Keessaa Mana Maree Baqattootaa Noorweey (IDMC) yoo ta’u, bara 2018 irraa eegalee dachaa ol kan dabalee fi yeroo amma baay’ina ummata Jarmanii waliin walqixa.

Waldhabdee fi jeequmsi sababoota buqqaatii kana keessaa gara %90 kan ta’u yoo ta’u, namoota miliyoona 73.5 akka buqqisan gabaasichi ni mul’isa.

Sudaan namoota biyya keessaa (IDP) miliyoona 11.6 (IDP) kan gabaaste yoo ta’u, kun biyya tokko keessatti lakkoofsa guddaadha.

“Gabaasa IDMC waamicha tarkaanfii ittisaa, buqqa’iinsi osoo hin ta’iin dura daataa fi meeshaalee birootti fayyadamuu, akkasumas dameewwan gargaarsa namoomaa fi misoomaa mootummoota waliin ta’uun buqqa’iinsa ittisuuf furmaata yeroo dheeraa qopheessuudha,” jechuun ibsa kennan Daarektarri IOM jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply