ONM-ABO Caamsaa 14, 2025
Gochi humnaan dargaggoota ukkaamsuu tibbana impaayeerattii keessatti haalaan jabaatee kan jiru yoo ta’u, humnoonni milishootaa fi waraanaa maqaa eegumsa biyyaaf jedhuun dargaggoota dirqiin butuun mooraa waraanaatti erguu fi kanneen didan ammoo reebichaan cinatti bakkeewwan tokko tokkotti lubbuu obbaasaa jiru.
Akka kanaanis Caamsaa 12, 2025 dargaggoon mooraa waraanaa deemuu dide tokko loltoota koloneel Abiy Ahimediin aanaa Malkaa Bal’ootti miidhaan qaamaa ulfaataan irra gahuun ibsameera.
Dargaggeessi kunis maqaan isaa Shamshuu Ahimaddiin kan jedhamu yoo ta’u, jiraataa Araddaa Tokummaa ganda Ahimad Saayid ta’uu fi reebicha loltoonni maafiyaa PP irratti taassisaniin mataan isaa buruqfamuu ONM odeeffateera.
Impaayerri Itiyoophiyaa waraanaa humnaan ijaaruun keessatti barsiifata ta’ee kan jiru ta’us, humnoonni dirqiin ijaaramanis kanneen haamilee hin qabne fi keessaa baduun qaamolee hidhatanii jiranitti kallattiilee adda addaan guyyaa guyyaan harka itti kan kennachaa jiranis hedduu akka ta’e ni beekama.

