• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaalee Godinichaa cufatti dargaggoota ukkaamsuun bifa haarawaan eegaluun beekame

May 14, 2025

ONM-ABO Caamsaa 14, 2025 

Bo’ichaa fi wawwaannaa hawwaniitti qoosanii daa’imman haadha irraa ukkaamsuun dirree waraanaatti guuraa kan jiran gara jabeeyyiin loltoota faashistii PP miseensota maatii tokkoo keessaa dargaggoota lamaa fi isaa ol ukkaamsanii dirree waraanaatti ergaa akka jiran jiraattonni godinaalee Arsii irraa ONM dubbise ifoomsaniiru.

Bifuma kanaanis Caamsaa 12, 2025 aanota akka Martii, Gunaa fi Jajuu irraa dargaggoonni hedduun ukkaamfamuun kan himamu oggaa ta’u, haalli fayyummaa guutuu fi umuriin isaaniis osoo hin ilaalamin jumlaan guyyaa guyyaan ukkaamfamaa akka jiranis dubbatu.

Akka jiraattonni onoota kanneenii ONM’f ifoomsanitti, sababa murni balfamaan kun uummata ukkaamsaa jiruuf jecha namoonni hedduun akkaataa itti manatti galan dhabuun bosonatti baqachuu irraa kan ka’e, qabeenya isaaniitti deebi’anii hojiilee misoomaa fi kanneen birootti akka hin bobbaaneef danqaa itti uumaa jiraachuun ibsame.

Waggoota 7’n darban Abiy barcuma bulchiinsa impaayerattii erga qabateen booda, dararaa dachaa uummanni jaarraa tokkoof walakkaa keessatti hin agarre dalagaa kan jiru koloneel Abiy Ahimed, diinummaa ilmaan Oromoof qabu daran jabeessuun guyyuu hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa suukkanneessaa geggeessuun lubbuu fi qabeenya lammiilee barbadeessuun cinatti dirree leenjiitti erguun umurii aangoo isaas dheereffachuuf carraaqqii taassisaa jira.

Leave a Reply