• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti dararaa fi hidhaan loltoota faashistii PP’n jabaachuun beekame

May 14, 2025

ONM-ABO Caamsaa 14, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Harootti Caamsaa 11, 2025 waraanni shororkeessaan Abiy Ahimediin bobbaafaman qe’ee qonnaan bultootaa keessa naanna’anii reebichaa fi dararaa taassisuun namootas hidhuu dubbatu.

Namoota ergamtoota sirnichaan qabamuun hidhamanii jiran keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Abdallaa Ismaa’il,
  2. Muummee Aadam,
  3. Sheek Aammannuur fi
  4. Abraahim kanneen jedhaman dabalatee namoonni hedduun hidhamanii hiraarfamaa akka jiranis beekameera.

Namoonni kunneen hawaasa naannoo isaanii keessatti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qaban yoo ta’an, ergamtoonni aantummaan uummataa isaan hin quuqne kunneen sababoota adda addaa da’eeffachuu fi maqaa gibira hin kaffalle, naga’ee gibiraa hin qabdan jedhuun yakkanii reebicha ulfaataa fi hidhaa irratti raawwachuun goolumsa uumaa jiru.

Leave a Reply