ONM-ABO Caamsaa 14, 2025
Hamaas Kibxata kaleessaa Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun guyyaa tokko dura dhiibbaan waraanaa booji’amaa lammii Ameerikaa fi Israa’el Edaan Aleeksaandar Gaazaa irraa akka gadhiifamu gochuuf gargaareera jechuun himate sirrii akka hin taane ibse.
“Edan Aleeksaandar deebi’uun bu’aa bulchiinsa Ameerikaa waliin walqunnamtii cimaa fi tattaaffii gidduu galeessotaati malee bu’aa weerara Israa’el ykn dhiibbaa waraanaa fakkeessaa miti,” jechuun gareen hidhattoota Falasxiin ibsa kennaniin addeesse.
“Neetaaniyaahuun saba isaa dogoggorsaa waan jira,” jechuun Hamaas dabaleera.
Gareen Hamaas Wiixata Aleeksaandar dargaggeessa ganna 21 kan gadhiisee jira.
Netaaniyaahuun Aleeksaandar “dhiibbaa waraanaa keenyaa fi dhiibbaa siyaasaa pirezidaantii US Doonaald Tiraampiin irra ga’e” walitti makuun akka gadhiifame ibsuun galateeffatee turuu AFPn gabaaseera.


