ONM-ABO Caamsaa 14, 2025
Kaleessa Caamsaa 13, 2025 ogeessonni fayyaa sababa miindaa dhabuutiif jecha hiriira bahanii sagalee isaanii dhageessifachaa turan reebamuu fi gaaffii isaaniitiif deebiin tokkollee laatamuu diduun yeroo ammaa kana kaleessa irraa qabuun hojii dhiisanii dhukkubsataan yaala dhabee rakkataa jira.
Guyyaadhuma kaleessaa Caamsaa 13, 2025 Arsii Lixaa fi Bahaa keessattis ogeessonni fayyaa buufata fayyaatti dhiyaachuu diduun dhukkubsataan achitti yaala dhabuun rakkachaa turuu maddeen ibsaniiru.
Haaluma kanaan Arsii Lixaa aanaa Dodolaa keessatti dhukkubsataan haala nama yaaddessu keessa jiraachuu fi rakkoon Bilxiginnaan uumu bakka kamittuu miidhaan isaa uummata irratti akka ta’e himaniiru.
Naannoo Oromiyaan alattis Amaaraa, Walaayittaa, Arbaaminci fi Finfinnee keessattis hojiin dhaabbatee ooleera.
Ergamtootni Abiy Ahimed ogeessota fayyaa gaaffii miindaa fi faayidaa gaafatan gaaffii isaanii gara dabarsuun karaa itti gaafatamtuu ministeera fayyaa Dr. Maqdes Dhaabaa miidiyaa isaaniin dubbataa kan turan yoo ta’u, deebii fi yaadni ishee garuu hundee irraa gaaffii ogeessotaas ta’e hawaasaa furuu akka hin dandeenye dubbatamaa jira.
Gareen gaaffii isa irratti ka’u ukkaamsuu itti bare kun ogeeyyii fayyaa lagannaa kanatti hirmaatan doorsisaa fi hidhaa jiraachuun ni beekama.




