ONM-ABO Caamsaa 14, 2025
Ergamtoonni faashistii PP dargaggoota hedduu ukkaamsuun mana hidhaatti galchanii kanneen qarshii guddaa kaffalan gadi dhiisuun, ijoollee ilmaan hiyyeessaa ta’an immoo leenjii xiqqoo erga itti kennanii adda waraanaatti hiriirsanii ficcisiisaa jiru.
Aanaa Odaa Bultum magaalaa Shunqoo jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf dursa kennuun akkuma argan bobbaafamanii halkan walakkaa mana qonnaan bultootaa cabsuun dargaggoota 20 ukkaamsanii erga hidhaatti darbatanii booda, dargaggoota 17 irraa qarshii guddaa fudhachuun gadi dhiisanii, dargaggoota kaffaluu hin dandeenye 3 immoo gara leenjii waraanaatti geessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanaadhuma kana araddaa Rooriqii jedhamu irraa ergamtoonni kunneen qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Abdallaa Saadiqoo jedhamu “kaffaltii mootummaa kaffaluu didde” jechuun badii tokko malee reebicha hamaa irratti raawwachuun yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu jiraattonni araddichaa ONM’f addeessaniiru.
Kana malees, araddaadhuma kana irraa jaleewwan Bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Aliyyii Ibraahim jedhamu mana murtii aadaatti geessuun ragaa tokko malee qarshii 90,000 irraa fudhatanii jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.







