ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Murni Bilxiginnaa hawaasa nagaa waraana itti bobbaasuun halkanii fi guyyaa jiruu fi jireenya dhorkee kutaalee Oromiyaa iddoo garaa garaatti rakkisaa kan jiru aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Komboolchaa gandoota akka:
- Aaluutoo,
- Jeelaa Alitoo,
- O’itu,
- Basaqu fi
- Harooressa Qalboo
kanneen jedhaman keessatti jumlaan uummata mana hidhaatti guuranii rakkisaa kan jiran yoo ta’u, ganda Harooressa Qalboo irraa hortee abbaa tokkoo maanguddoota umurii 60 hanga 80 illee osoo hin hambisin nama kudhan waggaa tokkoo oliif hidhanii gaaffii tokkos osoo hin gaafatin hiraarsaa jiru.
Namoonni haala kanaan yeroo dheeraaf mana hidhaatti hiraarfamaa jiran:
- Roobaa Tuuroo,
- Roobaa Miidhaasso,
- Naguu Jabee,
- Fayyisoo Bariisoo,
- Bashir Bushuuraa,
- Amaanoo Safoo,
- Quufaa Tuuroo maanguddoo umurii 70 Daddafoo Tuuroo maanguddoo umurii 60,
- Jabee Eda’oo maanguddoo umurii 80 kanneen ta’aniidha.


