ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii ganda Ambaa Goda-Sadee jedhamu keessatti waraanni faashistii PP Caamsaa 2 – 9, 2025 manneen hawaasaa irratti gubaatii raawwataniin yoo xiqqaate manneen uummata nagaa 32 gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru
Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa muraasni:
- Qaabatoo jaarsoo,
- Luuccee waaqee,
- Rabbumaa waaqee,
- Amaan waaqee,
- Musxafaa jarsoo,
- Kadiir Gammadaa,
- Bashiir Tibbeessoo,
- Shaanbaal Haji Umar,
- Burqaa Wandii fi
- Kinnisee Wandii
kanneen jedhaman oggaa ta’an namoonni kunneen balleessaa tokkollee osoo hin qabaatin manaa fi qabeenyi isaanii ergamtoota PP’n gubatee jalaa barbadaa’uun ibsameera.
Kana malees gandichuma keessaa namoonni baay’inaan 60 ol ta’an yakka tokko malee qabamuun mana hidhaa aanichaa keessatti dararamaa jiraachuus jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota hidhaman keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:
- Daaluu Sadee,
- Ukkaa Kallachaa,
- Useenaa Waayyaa,
- Lammaa Kadir,
- Daalloo Tunkii,
- Dannaboo Kabaroo,
- Hedaa Usiyyoo,
- Roobaa Jaarsoo,
- Shaanbaal Haji Umar,
- Tasfaayee Gammadoo,
- Subii Elemoo fi
kanneen biroon baay’inni isaanii 40 ta’u maqaa isaanii tarreessuun hanqina bakkaa fi yeroof jecha kan irra darbaman yoo ta’u, namoonni kunneen badii raawwatan tokkollee osoo hin qabaatin jumlaan ukkaamfamanii mana hidhaa aanichaa keessatti ergamtoota sirnichaan dararaan daangaa darbee fi sarbamiinsi mirga namoomaa irratti raawwachaa jiraachuu ONM odeeffatee jira.


