• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Guutoo Giddaa fi Waamaa Hagaloo irraa miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii 4 gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun dhaga’ame

May 15, 2025

ONM-ABO Caamsaa 15, 2025 

Loltoonni faashistii PP ajaja qaama isaanii olii irraa itti kennamu nuffuu fi kufaatii siyaas-dinagdee impaayerattii mudate baraaruu dadhabuun gaafa isaaniif gamu yeroo adda addaatti kara karaa akka simbiraatti gargar faca’anii mooraa Bilxiginnaa onsanii badaa jiru.

Aanaa Waamaa Hagaloo mooraa waraanaa magaalaa Adaree irraa kaleessa Caamsaa 14, 2025  miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii 2: 

  • qawwee AKM 2, 
  • boombii 3, 
  • hidhannoo mudhii 2, 
  • rasaasa 423 qabachuun WBO’tti makamuun dhaga’ameera.

Kana malees, aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa bakka addaa Boolloo jedhamu irraa Caamsaa 12, 2025 miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii baay’inaan 2 ta’an qawwee fi hidhannoon mooraa Bilxiginnaa keessaa gananii WBO’tti makamuun barameera. 

Impaayerattii guutummaa keessatti loltoonni akka sirnicha utubaniif ajaja Abiy Ahimediin bobbaafaman sirnichi lubbuu namootaa balleessuu fi uummata dararuu malee ulaa banuuf fedhii akka hin qabne hubachuun wareegama hin mallee fi seenaan nama gaafattu kaffaluu irra jechuun gara qabsoo haqaa saba irraa dhalataniitti deebi’uun warra achi keessatti hafeefis yeroon qawwee fi hidhannoo keessan qabadhaa kottaa jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading