• Mon. Jan 12th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti loltoonni Bilxiginnaa haala suukkaneessaa ta’een dargaggoota lama irratti ajjeechaa raawwatan

May 16, 2025

ONM-ABO Caamsaa 16, 2025 

Aanaa Baabboo Gambeel ganda Ambaalloo Diillaa magaalaa Qaa’oo jedhamu keessatti Caamsaa 15, 2024 loltoonni dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu bartee taasifatanii fi dargaggoota abdii egeree Oromiyaa ta’an kichuutti kutuu baran, dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Jibiril Aliyyii fi 
  2. Abdulqaadir

jedhaman sababa tokko malee rasaasa itti roobsuun haala  suukkaneessaan ajjeesanii reeffa isaanii fuudhatanii deemuu namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran. 

Aanicha guutummaa keessatti gochoonni gara jabinaa harka lukkeelee Bilxiginnaan hawaasa meesha maleessa irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, addatti immoo dargaggoonni baay’ee miidhamaa kan jiranii fi namoonni hedduun jumlaan ukkaamfamuun waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Waraanni garaa fi dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Koloneel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti hawaasa Oromoo dhiiga dhangalaasuun lubbuu namoota qaqqaalii ta’an danuu akka baalaatti harcaasaa kan jiran ammallee kanneen qabanii mooraa leenjiitti guuraniin alatti qe’ee maatii isaanii irratti gara jabina guddaan uummata irratti bobba’anii jiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading